header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Yaman magaalaa Hudeeydaa keessatti gareen Huusii fi loltoonni mootummaa walitti bu’uun gabaafame

Gareen Huusii fi Mootummaan Yaman magaala Hudeeydaa fi naannawa isii keessatti lola geggeessaa jiran dhaabuudhaaf, Khamiisa dabre Siwiidin keessatti walii galtee mallatteessuun isaanii ni yaadatama. Haaluma kanaan walii galteen dhukaasa dhaabuu har’a irraa eeggalee hujii irra kan oole tahus, gareen lamaan magaalaa Hudeeydaa naannawa muraasa keessatti kan walitti bu’an tahuu gabaafame.

 

Gareen lamaan Jaarsummaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitiin Siwidiin magaalaa Rimbo jedhamtu keessatti,  haala lolli Yaman dhaabbatu irratti kan mari’ataa jiran yoo tahu, Khamiisa dabre magaalaa Hudeeydaa keessatti dhukaasa dhaabuuf walii galteen godhan ummata Yamanitti Abdii horee kan ture tahuu gabaafame.

 

Magaalaan Hudeeydaa too’annaa huusii jala turte buufata doonii kan qabdu yoo tahu, buuftni kun lammiilee biyyattii lola kanaan miidhamaniif gargaarsi nyaataa fi dawaa kan ittiin gara biyyattii seenu tahuun ni beekama. Yeroo ammaa lammiileen Yaman miiliyoona 22.2 tahan deeggarsa namoomaa kan barbaadan tahuu gabaasni Aljaziiraa irraa arganne ni mul’isa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button