header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Donaald Traamp dhoksaan gara Iraaq imaluun loltoota Ameerikaa kan daaw’ate tahuu gabaafame

Prezdaant Traamp fi haati manaa isaa Melaaniyaa Traamp, ayyaana bara haarayaa sababeefachuun halkan edaa gara Iraaq imaluun, loltoota Ameerikaa biyyattii keessa jiran waliin kan mari’ate tahuu ibsi ganama har’aa Waayit Haawus irraa bahe ni mul’isa.

Qondaaltonni mootummaa Iraaq fi hoggantoonni Siyaasaa biyyattii heddu daaw’annaa Traamp dhoksaan biyya isaanii keessatti geggeesse kana, “gocha birmadummaa Iraaq cabse”jechuun  kan balaaleffatan tahuu gabaafame. Haa ta’u malee Traamp muummicha ministeeraa Iraaq Aadil Abdul Mahdi telefoonaan dubbisuun, muummichi ministeeraa Washington akka daaw’atu kan affeere tahuus gabaasni arganne ni ibsa.

 

Ameerikaan loltoota kuma 5 Iraaq keessaa kan qabdu yoo tahu, prezdaant Traamp loltoota kanneen biyyattii keessaa baasuudhaaf kan karoorsaa jiru tahuu torbee darbe miidiyaaleen heddu gabaasan.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button