EeshiyaaOdeeyfannooUSA

Ameerikaan loltoota isii Suuriyaa baasuu kan jalqabde tahuu gabaafame

Prezdaant Donaald Traamp torbee dabre loltoota Ameerikaa Suuriyaa keessa jiran hunda dhiheenyatti kan baasu tahuu beeksisee ture. Haaluma kanaan Jum’aa kaleessaa loltoonni Ameerikaa muraasni Suuriyaa irraa gara Iraaq kan seenan tahuu gabaafame.

Loltoonni kunniin kaaba baha Suuriyaa kutaa Al-Hasaka buufata waraana Malikiye jedhamu keessa kan turan yoo tahu, finciltoota Kurdii naannicha keessa maan’dheffataniif deeggarsa meeshaa waraanaa fi leenjii kennaa kan turan tahuu gabaasni Anaadooluu Niiwus irraa argame ni mul’isa.

Ameerikaan Suuriyaa naannoo adda addaa keessaa buufata waraanaa 18 kan qabdu yoo tahu, mootummaan Turkiyaa waraanni Ameerikaa Suuriyaa kutaa Manbij keessa qubate finciltoota Kurdi deeggara jechuun yakkaa ture.

One Comment

Comment

Related Articles

Back to top button