header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaKoroonaaOdeeyfannoo

Lakkoofsi Lammiilee Afrikaa Kibbaa Covid-19 qabamanii 500,000 dabruu gabaafame

Ministeerri Fayyaa Afrikaa Kibbaa ibsa baaseen, Sabtii kaleessaa qofa biyyattii keessatti vaayirasichi namoota 10,107 irratti akka argame ibsuun, walumaa galaatti hanga guyyaa kaleessaatti lakkoofsi lammiilee biyyattii vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahee 503,290 gahee jira jedhe.
Haaluma walfakkaatuun lakkoofsi lammiilee biyyattii sababa vaayirasichaatiin du’aniitis kan dabalaa jira. Hanga ammaatti biyyattii keessatti namoonni 8,153 sababa dhibee kanaatiin lubbuu dhabanii jiru.

Afrikaan Kibbaa biyyoota addunyaa weerara vaayirasichaatiin akka malee miidhaman keessaa sadarkaa shanaffaa irra kan jirtu yoo tahu, gama biraatiin ammoo guutuu Afrikaa keessatti namoota 948,730 Covid-19 qabaman jidduu, walakkaa ol kan ta’an Afrikaa Kibbaa keessatti argamu.

Guutuu Addunyaa keessatti ammoo namoota 18,042,795 vaayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu 689,164 du’uu gabaafame. Yeroo ammaa U.S.A, Biraaziil, Raashiyaa fi Indiyaan walduraa duubaan lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniitiin sdarka 1-4ffaa irratti argamu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button