Sagantaan Da’awaa guddaan magaalaa Hararii fi magaalaa Daseetti geggeeffame
Sagantaan da’awaa magaalaa Harar, Istaadiyoomii Imaamu Ahmad keessatti kan geggeeffame yoo tahu, jiraattonni magaalaa Hararii fi naannawa sanii kumaatamaan lakkaahaman sagantaa kana irratti argamanii jiru. Akkasumas keessummoonni saganticha irratti argaman ummataaf dhaamsa dabarsaniiru.
Keessummoota argaman jidduu;
Ustaaz Ahmaddiin Jabal
Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa
Ustaaz Haydar Khadiir fi Ustaaz Jamal Aliyyii kan keessatti argaman tahuun beekameera.
Odeeyfannoo wal fakkaatuun naannoo Amaaraa magaalaa Daseettis sagantaan Da’awaa guddaan kan geggeeffame yoo tahu, ulamaa’onni biyya keenyaa gurguddoon irratti hirmaatuun gabaafame.
Ulamaa’ota fi Ustaazota sagantaa kana irratti argaman jidduu;
Sheikh Sa’id Ahmad Musxafaa
Sheikh Muhammad Haamiddiin
Sheikh Hamiid Muusaa
Ustaaz Abubakar Ahmad
Ustaaz Kaamil Shamsuu
Ustaaz Abdulfattah
Sheikh Sa’id Ibraahiim fi Sheikh Muhammad Ibraahiim jiraatuu beekameera.