OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Walitti bu’iinsa naannoo Amaaraa magaalaa Gandaa Wuhaatti uumameen namni 9 ajjeeffame

Naannoo Amaaraa godina Goondar lixaa magaalaa Gandaa Wuhaa jedhamutti guyyaa kaleessaa jiraattootaa fi raayyaa ittisa biyyaa jiddutti walitti bu’iinsa umameen, jiraattoota magaalattii irraa namni 9 ajjeeffamuu fi namni 15 ol ammoo madaawuu DW gabaase.

Ka’uumsi walitti bu’iinsa kanaa, Makiinaan dhaabbata Suur Konistraakishiin jedhamuu, ummata naannichaatiin butamuu hordofuun, Waraanni Raayyaa ittisa biyyaa makiinaa kana lakkisiisuuf dhuukaasa jiraattoota irratti baneen ijjoollee dabalatee namoonni 9 ajjeefamuu fi 15 immoo madaawanii wal’aanamaa kan jiran tahuu jiraataan naannichaa DW’f ibse.
Ajjeechaa kana hordofuun guyyaa hardhaa magaalota godinichaa heddu keessatti, raayyaan ittisa biyyaa naannicha keessa qubsiifame akka nurraa bahu jechuun, jiraattonni hiriira bahuun kan gaafatan tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Comment

Related Articles

Back to top button