header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Aanaa Cinaaqsanitti Konfiransiin Nageenyaa geggeeffame

Kaayyoon Konfiransii Godina Harargee bahaa aanaa Cinaaqsanitti qophaahe kanaa, wal dhabbii dhalatootta Oromoo fi Somaalee naannawa san jiraatan jidduu ture araaraan hiikuuf tahuu gabaafame. Konfiransii naannoolee lamaaniin qophaa’e kana irratti hogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa Jeneraal Kamaal Galchuu, hoggantoota naannoo Somaalee irra dhufan, Abbootiin gadaa, Ugaasootaa fi hoggantoonni godinaalee Harargee lamaanii kan irratti hirmaatan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Hogganaan Wajjiira ODP Aanaa Cinaaqsan Obbo Abdulnasiir  Muhammad akka nuuf himetti:

“Konfiransiin nageenyaa kun kan jalqabaa fi dhuukasni ummata obboleeyyan lamaan jidduu ture akka dhaabbatu kan itti labsame ” jedhe.

Dabalatanis Konfiraansii kana irratti manguddoonni ummata lamaan walitti ararsuu malee dhimmi daangaa naannolee lamaanii kan hin kaafamin tahuu, akkasumas jiraattota gama lamaanii sababa lola jidduu isaanii tureen qe’ee isaanii irraa buqqifamanis yeroo gabaabaatti qe’ee isaaniitti akka deebifaman walii galamee jiraatuu nuuf hime.

Waldhabbii daangaa naannoolee lamaanii jiddutti ka’een lubbuun nama hedduu darbuu fi lammiileen hedduun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamuun ni yaadatama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button