Paarlaamaan Ayarlaand wixinee seeraa meeshaaleen Israa’el dachii Falasxiinotaa irratti oomishite gara biyyattii akka hin seenne ugguru, kan deeggare tahuu gabaafame

Wixineen seeraa kun carraaqqii gareen deeggartoota Falasxiin BDS jedhamu godheen, deeggarsa paartiilee siyaasaa Ayarlaand hundaa argachuun Jum’aa kaleessaa paarlaamaa biyyattiitiif kan dhihaate tahuun beekkameera. Haaluma kanaan wixinichi sagalee mormii 45 fi sagalee deeggarsaa 78 taheen kan dabre akka taheefi, seera tahee bahuudhaaf garuu irraa deebiidhaan eega xiinxallamee booda yeroo lammataatiif paarlaamaaf kan dhihaatu tahuu gabaafame.
Miseensa seeneetii Ayarlaand fi namoota wixinee kana qopheessan jidduu kan taate Frances Black yaada kenniteen, “Ayarlaand haqaa fi mirga namoomaatiif kan dhaabbattu tahuu murtii seena qabeessa kana dabarsuun mirkaneessitee jirti, wixineen kun sagalee guddaadhaan fudhatama argatuun isaa, ammas hanga dhumaatti milkaahee seera tahee ni baha abdiin jedhu guddaa tahuu agarsiisaa”jette.
Qabiyyeen wixinee kanaa meeshaaleen Israa’el dachii Falasxiinotaa humnaan qabatte irratti oomishite kamiyyuu gara Ayarlaand akka hin seenne, akkasumas sochiilee Israa’el dachii Falasxiin irratti geggeessitu hunda Ayarlaand akka hin deeggarre”qabxiilee jedhu kan of keessaa qabu tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.
Sochiin garee BDS kun Ameerikaa dabalatee biyyoota heddu keessatti dhageettii guddaa argataa dhufuun isaa, Israa’elii fi mootummaa Ameerikaa yaaddeessaa dhufee jira. Ammas murtiin paarlaamaa Ayarlaand kun mootummaa Israa’el kan rifachiise yoo tahu, waajjirri muummicha ministeera Israa’el ibsa baaseen “Murtiin paarlaama Ayarlaand Israa’el kan dallansiisee fi baha jiddu galaa kessatti biyya sirna dimokraasii qabdu takkitti balaaleffatuun qaaniidha”jedhe.
Falasxiinota fi hoggantoonni BDS ammoo murtii Ayarlaand kanatti gammadanii jiru. Hogganaan Paartii Palestinian National Initiative jedhamuu Musxafaa Barguutii yaada kenneen, sochii gareen BDS godhaa jiruu fi murtiin kun injifannoo guddaa tahuu ibsuun, dhiheenyatti biyyoonni Awrooppaa kanneen birootis murtii kana fakkaatu akka dabarsan ni hojjannaa jedhe.
Mootummaan Ayarlaand kanaan duras Falasxiiniif beekkamtii guutuu kennuudhaaf kan qophaayaa jiru tahuu beeksiseeture. Amma ammoo wixineen seeraa kun hanga dhumaatti milkaahee seera tahee yoo bahe, sochiin Israa’el dachii Falasxiin irratti geggeessitu hundi yakka tahuu labsuun, Ayarlaand biyyoota Gamtaa Awrooppaa keessaa kan jalqabaa taati.
In shaa allah rabbin isaan ha gargaru
masha Allah rabbiin haqa Falasxiin haamullisu waan keeri qabu dhagaha isillen waan bareeda kana nudhageesisu keesanif bayye ulfaadha kabajaa argadha nama Rabbi biraati jaalatama argatu isiin haataasisu
masha Allah rabbiin haqa Falasxiin haamullisu waan keeri qabu dhagaha