header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo BiyyaaUSA

Manni Marii dhalattoota Ityoophiyaa Ameerikaa keessa jiraatanii, namoota miidiyaalee haawasa irratti haasawa jibbansaa geggeessan seraan gaafachiisuuf sochii jalqabuu ibse

Dubbii himaan mana marii dhalattoota Ityoophiyaa Ameerikaa keessatti argamuu Obbo Amsaaluu Tsaggaayee ejeensii Odeeyfannoo Ityoophiyaatiif akka ibseeti, “Manni Marichaa mirga fi bu’aa lammiilee Ityoophiyaa Ameerikaa fi guutuu addunyaa keessa jiraatanii kabajsiisuu fi falmuuf beekkamtii seeraa kan qabu akka ta’eefi, Kanaan duras wixinee seeraa HR 128 jedhamu Kongirasii Ameerikaatiif dhiheessee akka hojii irra oolu godhe ture. Amma immoo Jijjiirama siyaasaa biyyattii keessatti argame kan deeggaruufi jijjiiramni akka itti fufus ni jajjabeesa”jedhe

Itti dabaluun manni marii dhalattoota Ityoophiyaa Ameerikaa keessa jiraatanii kun, lammiilee Ityoophiyaa biyyoota alaa keessa taa’anii haasawa dharaa biyyatti keessatti jeequmsa kaasu, kan sabaa fi sablammoota walitti buusu karaa miidiyaalee hawaasaatiin facaasan seeraan gaafachiisuuf sochiin jalqabamee jira jedhe .

Yaaliin fonqolcha mootummaa Naannoo Amaaraa fi ajjeechaan qondaaltota naannichaa irratti osoo hin raawwatamin guyyoota muraasa dura, karaa miidiyaalee hawaasaatiin qondaaltonni naannichaa aangoo kan hin lakkisne yoo ta’e akka ajjeeffaman dhaamsi jedhu, lammiilee Ityoophiyaa biyya alaa keessa jiraataniin facaafama ture. Eegaa dhaamsi jibbiinsaa kun Viidiyoo fi karaa adda addaatiin maqaa hoggantoota ajjeeffamanii waamaa dabree booda, ajjeechaan qondaaltoota naannichaa irratti kan raawwatame tahuun beekameera.

5 Comments

  1. اسلام عليكم ورحمة الله وبركاته ماشاء الله galtomaa hundumtii kesani kanaa nuu dhagesisuu kesanif

  2. Assalamualeykum worahmatullaahi woobarakaatu
    Maasha Allah Rabbiin isinirraa haa jaallatu , Rabbiin giidoo isiniif haa, Jzk Rabbiin umurii dheera,jiruu haaragalfii, Milkii duniyaa fi aakiraatiin isin haa milkeessu . Isinis Du’aa’ii naaf godhaa Inshaallah?.

  3. Asalam maleku warmatuliyi wabarakatu akami nagha jiratani ustaza kenya kani kana nu qophesitani hundu galatoma mashaa Alhaa jzk Rabini isini ira Haa jalatu Rabi bilisuma bilisuma calatu Adunya fi taa Akirati nu qunamasisu Aminiiiiii Aminiiiiii Aminiiiiii

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button