AfrikaaOdeeyfannoo

Hoggantoonni biyyootaa fi dhaabbiilee idil addunyaa kora Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf Finfinnee seenaa jiran

Kora gamtaa Afrikaa guyyaa boru jalqabamu irratti hirmaachuuf, hoggantoonni biyyootaa Afrikaa, qondaaltonni dhaabbilee idil addunyaa, bakka bu’oonni hoggantoota biyyoota Ardiilee biroo Finfinnee seenaa jiran.
Hoggantoota biyyoota Afrikaa Jum’aa kaleessaa irraa jalqabee Finfinnee seenan jidduu, prezdaantii Ziimbaabuwee Emarsan Minaangaaguwaa, prezdaantii Chaad Idriis Deebii, prezdaantii Niijer Aysuuf Muhammad, Prezdaantii Ruwaandaa Pool Kaagaamee fi prezdaantiin Giinii Aalfaa Koondee keessatti argamu.

Qondaaltota dhaabbilee idil addunyaa ol’aanoo hanga ammaatti Finfinnee seenan jidduu immoo Barreessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutaareez, Itti aantuu Komishiinii Gamtaa Awrooppaa Fredrikaa Mogriinii, dureessaa Ameerikaa Bill Gates fi hogganaan dhaabbata fayyaa addunyaa Teedroos Adhanoom keessatti argaman. Qondaaltonni kunniin muummicha ministeeraa Dr Abiy Ahmad fi qondaaltota Ityoophiyaa ol’aanoon kanneen biro waliin mari’tanii jiru.

Kora gamtaa Afrikaa guyyaa boruu jalqabamu kana irratti dhimmi baqattootaa fi namoota sababa gara garaatiin qe’ee isaanii irraa buqqifamaniif xiyyeefannaa guddaadhaan kan irratti mari’atamu tahuu gabaafame. Barreessaan UN Antooniyoo Gutaarees fi Dura Ta’aan Komishiinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faqii dhimmicha irratti ganama kana ibsa kan kennan yoo tahu, biyyoonni Afrikaa dhimma baqattootaa irratti xiyyeeffannaa kennuun furmaata kaahuu qaban jechuun ibsan.

Biyyoota Ardiilee biro bakka buutota isaanii gara Finfinnee ergan jidduu ammoo, Chaayinaa, Noorweey, Emreets keessatti argamu.
#Kora_Gamtaa_Afrikaa

 

 

Comment

Related Articles

Back to top button