header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godina Arsii Magaalaa Itayyaatti Sagantaan Muhaadaraa guddaan geggeeffame

Kaayyoon sagantaa kanaa ijaarsa madrasaa magaalaa Itayyaatiif deeggarsa walitti qabuu yoo tahu, hawaasni muslimaa lakkoofsaan guddaa ta’e saganticharraatti argamuun deeggarsa maallaqa godhee jira. Sagantaa kana irratti Ulama’oonni fi keessummoonni iddoo adda addaa irra afeeramanis  argamuun ummataaf Da’waa kan godhan tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

 

Keessummoota sagantaa kana irratti argaman jidduu: Dr Jeylaan Khadiir fi Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Finfinnee irraa, Ustaaz Xaalibu Ridallaah Shaashamannee irraa, Sh/ Huseen Daalee, Sh/ Hajjii Ibraahim fi Ustaaz Abdallaah Idriis Adaamaa irraa, Ustaaz Ibsaa Hasan Godina Baalee irraa, akkasumas ulamaa’onni magaalaa Itayyaa  Sh/ Muhammad-huseen Qumbii fi kanneen birootis sagantaa kan irratti argamanii jiran.

4 Comments

  1. Assalaamu aleykum wr. wb. maashaa Allah rabbiin nama diinaa isaatiif tumse ni tumsaaf jechuun waadaa galee jira. jabaadhaa jazaan keessan nasrii diinii fi jannata haa ta’uu. Hawaasa tokko jijjiiruun kan danda’amu hawaasa barnoota diinii tiin badhaadhe, akkasumas jiruu fi jireenyi isaa hundi qur’aana fi sunnaa ergamaa rabbii (saw) irratti hundaa’e waan ta’eef hawaasa akkanaa uumuu fi hariiroo isaan jidduu jiru cimsuu keessatti midiyaan islaamaa gahee ol’aanaa qaba. kanaafuu jabaadhaa rabbi isin waliin haa jiraatuu.

  2. Assalaamualeeykum:
    Jabaadhaa akkanatti hawaasa muslimaa sochii isaa kan diinaa Rabbii gadidhaabuuf gochaa jiru hordofuun gabaasaa. Mindaa gaarii Rabbiin isin hundaaf haa khennu. Yaada ulamaa’ota keennaa Rabbiin bakkaan nuuf haa gayu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button