header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godina Baaleetti Ummanni magaalaa Roobee hiriira deeggarsa ummata Walloo geggeessaa jira

Uammanni Godina Baalee magaalaa Roobee haleellaa Liyyuu hayliin Amaaraa fi hidhattoonni naannichaa ummata Oromoo Walloo irratti geggeessaa jiran balaaleffatuun hiriira guddaa kan geggeessaa jiru tahuun beekameera.

 

Hiriira deeggarsaa ummata Walloo  kana irratti haawwaliin, abbootiin, barattootaa dabalatee hawaasni magaalattii lakkoofsaan guddaa tahe kan hirmaate yoo tahu, ajjeechaan ummata Oromoo Walloo irratti raawwatamaa jiru hatattamaan akka dhaabbatu gaafatanii jiru.

 

Dabalataanis hirmaattonni  hiriirichaa waraanni ummata Oromoo Walloo irratti sababa eenyummaa isaanii qofaaf, dhaabbilee siyaasaa naannoo Amaaraatiin qindaayee geggeeffamaa hatattamaan akka dhaabbatee, qondaaltonni naannichaa gocha kana keessaa harka qabanis seeratti akka dhiyaatan gaafatan.

 

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button