header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Ameerikaan loltoota  dabalataa gara Baha Jiddu Galaatti kan ergitu tahuu beeksiste

Ministeerri  Ittisa Ameerikaa akka ibsetti, Ameerikaan dabalataan loltoota kuma tokko gara naannichaatti bobbaasuuf kan murteessite, Khamiisa darbe Galaana Omaan keessatti dooniiwwan 2 eega rukutamanii booda tahuu beeksise.

Itti aanaan Raayyaa Ittisa Biyyattii Paatrik Shanahan “Ameerikaan shira Iiraan qolachuuf loltoota dabalataa naannichatti bobbaasaa jirti”jedhe. Mr Shanahan akka jedhetti, Ameerikaan Iiraan waliin lola keessa seenuuf fedhii hin qabdu, loltoonni kan dabalataa naannichatti bobbaafaman faayidaa michoota Ameerikaa kabachiisuuf akka ta’e ibse.

Chaayinaa fi Raashiyaan murtii Ameerikaan  loltoota dabalataa gara naannichaatti erguuf dabarsite kana balaaleffatanii jiru. Ministeerri haajaa alaa Chaayinaa Waang Yuu akka jedhetti,  baha jiddu gala keessatti rakkoo hamaa uumuuf  biyyoonni socho’aa jiran hundinuu akka of qosatan akeekkachiisuun, “keessumattuu Ameerikaan loltoota dabalataa gara naannichaatti erguun baha jiddu gala gooluu irraa of qusachuu qabdi” jedhe.

 

Itti aanaan ministeera haajaa alaa Raashiyaa Sarjee Rabakov gama isaatiin, “Ameerikaan diinaagdee fi siyaasa baha jiddu galaa too’achuuf jecha, Iiraan irratti duulaa jirti” jechuun yakke.

 

Ameerikaan haleellaa galaana Omaan keessatti torbee dabre raawwatame kana, Iiraantu raawwate jechuun yakkite. Iiraan garuu himannaa Ameerikaa kana soba jechuun haalte. Walitti gaarrifannaan Iiraan fi Ameerikaa kun daranuu hammaataa kan dhufe yoo tahu, mootummaan Iiraan projektii Niwkilarii addaan kutee ture jalqabuu ibsuun, yeroo gabaabaa keessatti gabbisa yuuraaniyeemii guddisuuf hojjataa jiraachuu beeksise.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button