header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

“‹”‹Donaald Traamp fi Kim Jong-Un daangaa Kooriyaa lamanii irratti wal argan

Donaald Traamp har’a hogganaa Kooriyaa kaabaa Kim Jong-Un waliin tahuun daangaa Kooriyaa Kibbaa qaxxaamuruun gara Kooriyaa Kaabaa kan seene yoo tahu, haaluma kanaan Traamp prezdaantii Ameerikaa dachii Kooriyaa kaabaa seene kan jalqabaa tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

Hoggantoonni lamaan dhimma Niwkilarii Kooriyaa Kaabaa irratti mariin kanaan dura Veetnaam keessatti geggeessan walii galtee malee kan xumurame tahuun ni yaadatama.
Odeeyfannoo birootiin ammoo wal gahii biyyoota G-20 Jaappaan keessatti geggeeffame cinatti Prezdaant Traamp fi Prezdaantiin Chaayinaa Zii Jiping dhimma daldala biyyoota lamanii irratti mari’atanii jiru. Marii hoggantoota lamaanii booda bulchiinsi Traamp ibsa baaseen, hoggantoonni lamaan wal dhabdee daldalaa biyyoota lamaan jiddutti uumame mariin furuuf kan walii galan tahuu beeksise. Haaluma kanaa Ameerikaan qaraxa dabalataa meeshaalee Chaayinaa muraasa irra keette yeroodhaaf kan kaastu tahuu ibsame.
Gama birootiin ammoo  hoggantoonni biyyoota G-20  dhimma faalama qilleensa addunyaa irratti mariin geggeessan walii galtee malee kan xumurame tahuun beekamee jira.

 

Comment

Back to top button