header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Sa’uudiin dhibee iboolaa Kongoo DRC keessatti ka’een  wal qabatee hujjaajota biyyattii  Viizaa dhoorkatte

Mootummaan Sa’uudii dhibeen iboolaa akka haarayaatti Kongoo-DRC keessatti ka’e, sodaa hawaasa addunyaa tahuu,  labsii Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa WHO’n torbee dabre baase irratti hundaayuun, hujjaajonni Koongoo gara biyyattii akka hin seenne dhoorkuu beeksise.  Haata’u malee WHO’n  labsii kanaan wal qabatee,  biyyoonni addunyaa lammiilee Kongootti daangaa akka hin cufanne gaafatee ture.

 

Ministeerri haajaa alaa Sa’uudii ibsa baaseen, “Fayyaa hujjaajotaa eeguun dirqama waan taheef, hujjaajonni Kongoo DRC gara Sa’uudii akka hin seenne dhoorkamanii jiru”jedhe.

 

Mootummaan Sa’uudii bara 2014/2015 keessas weerara dhibee iboolaa Lixa Afrikaa keessatti ka’e hordofuun tarkaanfii wal fakkaatu  fudhatee kan ture yoo tahu, lammiileen Giinii, Seeraaliyoon  fi Laaybeeriyaa gara biyyattii akka hin seenne ugguramanii turan

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button