header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Ameerikaa fi Kooriyaan kibbaa shaakala waraana waloo jalqaban

Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa akeekkachiisa Kooriyaa kaabaa moggatti dhiisuun wixata har’aa shaakala waraana kan jalqaban yoo tahu, shaakalli waraanaa kun dandeettii waraana Kooriyaa Kibbaa cimsuu irratti kan xiyyeeffate tahuu ibsame.

Qondaaltonni Kooriyaa Kibbaa akka jedhanitti, shaakkalli waraanaa kun qaama walii galtee nageenyaa biyyoota lamaan jidduuu turee yoo tahu, kunis humni waraana Kooriyaa Kibbaa weerara tasa irratti aggaamamuu dandeettii qolachuu cimsuu irratti kan xiyyeeffate tahuu beeksisan.

 

Kooriyaan Kaabaa torbee dabre Shaakala waraanaa Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa  kana  mormuun marii Niwkilarii Ameerikaa waliin jalqabde keessaa bahuuf akeekkachiisaa turte. Piyongiyang mormii isiitis torbee tokko keessatti  yeroo sadi misaa’ela Niwukilarii dhukaasuun ibsatte.

 

Ameerikaan loltoota 28,000 ol Kooriyaa Kibbaa keessaa kan qabdu yoo tahu, Kooriyaan Kaabaa loltoonni US kunniin naannichaa akka bahan barbaaddi.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button