Itoophiyaa, Eertiraa fi Emreets, Abu Dabii keessatti mari’ataa jiru

Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad fi Prezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afaworqii guyyaa har’aa gara Abu Dabii imaluun Dhaaltuu Gonfoo Emreets Muhammad Bin Zaayid fi qondaaltota biyyattii kanneen biroo waliin mari’ataa jiru. Dubbi himaan waajjira Muummicha ministeeraa Obbo Fitsum Araggaa akka ibsetti biyyoonni sadeen dhimmoota nageenya naannichaa, investimantii fi diinagdee irratti kan mari’ataa jiran tahuu hime.
Prezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afaworqii guyyaa kaleessaa gara Sa’udii imaluun Malik salmaan waliin eega mari’ateen booda har’a gara Emreets kan cehe tahuun beekameera. Waldhabdeen Itoophiyaa fi Eertiraan jidduu ture waliigaltee dhiheenya kana mallatteessaniin akka xumuramuuf, Emreets shoora ol’aanaa kan qabdu tahuu gabaasni arganne ni ibsa.
Odeeyfannoo walqabateen muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmadii fi Prezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afaworqii meedaaliyaa preezdaantummaa Emreets badhaafaman. Dhaaltuun Gonfoo Emreets Muhammad Bin Zaayid “badhaasichi hooggantoota lamaaniif kan kennameef, biyyoota isaanii jiddutti araaraa fi nagaya buusuu isaanitiin”jedhe.
https://www.youtube.com/watch?v=ajjGefc7tzg