header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Paakistaan hariiroo Diplomasii fi Daldalaa Indiyaa waliin qabdu addaan kutuu beeksiste

Muummichi ministeera Paakistaan har’a qondaaltota nageenya biyyattii waliin dhimma Kashimiir irratti eega mari’atee booda, biyyi isaa hariiroo Dipilomasii Indiyaa waliin qabdu har’isuu beeksiste. Haaluma kanaan Islaamaabaaditti bakka bu’aa mootummaa Indiyaa biyyaa kan baaste tahuu odeeyfannon ni addeessa. Dabalataanis sochiin daldalaa biyyoota lamaan jidduu ture kan addaan cite yoo tahu, waranni Paakistaan of eeggannoo cimaa irra akka turu ajajamee jira.

Paakistaan murtii Indiyaa kana gocha duguuggaa sanyii ummata Kaashimiir irratti labsame waan taheef, dhaabbanni mootummoota gamtoomanii jidduu seenuun Indiyaa irratti tarkaanfii akka fudhatu gaafataa jirti. Chaayinaanis gocha Indiyaa kana adeemsa nageenya naannichaa booressuu fi kan fudhatama hin qabne jechuun balaaleffatte.

Mootummaan Indiyaa loltoota kumatamaan lakkaayaman Kutaa bulchiinsa Kaashimiir keessa kan bobbaase yoo tahu, Alhada dabre irraa jalqabee tajaajilli telefoonaa fi intarneetii naannicha keessatti kan addaan cite tahuu odeeyfannon ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button