Lammiileen Ityoophiyaa 250 ol tahan Afrikaa kibbaa magaalaa Johannesburg keessatti hidhamuu gabaafame
Afrikaa Kibbaa magaalaa Johannesburg keessatti guyyaa kaleessaa poolisiin biyyattii lammiilee biyyoota Afrikaa gara garaa 600 ol tahan, seeraan ala biyyattii keessa jiraatan jechuun kan qabe yoo tahu, namoota hidhaman jidduu lammiileen Ityoophiyaa 250 ol kan keessatti argaman tahuu DW gabaase. Haa ta’u malee lammiileen Ityoophiyaa hidhaman kunniin hedduun isaanii, namoota hayyama jireenyaa qaban, akkasumas namoota maatii fi qabeenya horatanii Afrikaa Kibbaa keessa waggaa dheeraa jiraataa turan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Lammiileen Ityoophiyaa biyyattii keessa jiraatan akka jedhanitti, duulli hidhaa kun jibbiinsa lammiiwwan biyyoota biraa irratti hundaaye, keessumattuu lammiilee Ityoophiyaa irratti xiyyeeffatuun kan raawwatame jechuun ibsan. Dabalataanis manneen daldalaa lammiilee Ityoophiyaa heddu kan saamame tahuus odeeyfannoon ni addeessa.
Lammiileen ityoophiyaa kunniin akka himanitti, seerri biyyattii namoonni shakkamanii too’annaa jala oolfaman sa’aa 24 keessatti mana murtiitti dhiyaatuu qaban kan jedhu tahus, hanga guyyaa har’aatti mana murtiitti osoo hin dhihaatan bakka tokkotti ugguramanii kan dararamaa jiran tahuu ibsan.