header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Polisiin Federaalaa Dargaggoota irratti qorannoo yakkaa jalqabuun gabaafame

Mootummaan Itoophiyaa fincila biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiru, itti gaafatamummaa fudhachuu eega ibsee booda, Poolisiin Federaalaa dargaggoota Oromoo “Qeerroo” irratti qorannoo yakkaa jalqabuun gabaafame.
Gaazexaan reporter akka gabaasetti Komishiinni poolisii Federaalaa sochii dargaggoonni mirga ummataatiif gaggeessaa jiran kana akka yakkaatti ilaaluun, keessattuu naannolee Harargee lamanii irratti xiyyeeffachuun qorannoo kan calqabe tahuu ibse.
Mootummaan biyyattii gaaffii ummataa deebisuuf osoo hin taane, ammas dargaggoota sagalee ummataa tahuun falmii haqaa irra jiran adamsuudhaaf murteessuun isaa, gochi mootummaa kun biyyattii rakkina hamaa keessatti kan deebisu akka tahe namoonni heddu qeeqaa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button