AfrikaaOdeeyfannoo

Mozaambiik namoota 41,000 eega du’anii booda mindaan ittiin nyaatamaa ture galmee irraa haquu beeksiste

Mootummaan Mozaambiik  bara 2015-2019tti qorannoo waajjiraalee mootummaa biyyattii kessatti geggeesseen, maqaa namoota 41,000 ol tahani kanneen lubbuun hin jirreetiin mindaan nyaatamaa kan ture tahuu beeksise. Qondaaltonni biyyattii akka jedhanitti, yeroo waggaa afuri kana keessatti maallaqni doolara Ameerikaa miiliyoonni 50 maqaa namoota du’aniitiin kaffalamee jira.

 

Ministeerri Sivilsarviisii biyyattii Karmeeliitaa Namashuulaa ibsa kenniteen, qorannoo kana hordofuun maqaan namoota lubbuun hin jirree 41,000 galmee mindaa hojjattoota mootummaa irraa haqamee jira jette. Dabalataanis, mindaan hojjattota lubbuun hin jirreef kaffalamaa ture,  kana booda tajaajila hawaasaa, manneen barnootaa fi hospitaalota deeggaruuf akka oolu kan murtaahe tahuu BBC’n gabaase.

 

 

 

 

 

 

Comment

Related Articles

Back to top button