header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Manni murtii Gibraltar Markabni Iiraan ji’a dabre qabamte akka gad lakkifamtu murteesse

Humni galaana Briteen Ji’a dabre Markaba Iiraan qoqqobbii Gamtaa Awrooppaa cabsuun boba’aa fe’attee gara Suuriyaa imalaa turte sababa jedhuun, qarqara bulchiinsa Gibraltar keessatti too’annaa jala oolchuun ni yaadatama. Manni Murtii Gibraltar dhimmicha ilaalaa ture yeroo sanitti ibsa baaseen akka jedhetti, imala markabbattii ilaalchiisee kan qorataa jiru tahuu ibsuun, qorannoo gahaa geggeessuuf guyyaa dabalataa kan isa barbaachisu tahuu beeksisee ture.

 

Haaluma kanaan Manni murtichaa dhimmichaa ilaalaa ture, “Markabni too’annaa jala oolfamte akka jedhame gara Suuriyaa imalaa jiraachuu isii ragaan wanta hin argaminiif akka lakkifamtu”jechuun dheengadda murteesse.

 

Murtii kana hordofuun bulchiinsi Traamp Markabattiin humna addaa waraana Iiraan, kan Ameerikaan qoqqobbii irra keette waliin walitti hidhata qabdi jechuun, markabattiin akka gadi hin lakkifamne Bulchiinsa Gibraltar gaafate. Haata’u malee manni murtichaa ibsa har’a baaseen, “Markabni Iiraan jalqabumaa qoqqobbii Gamtaa Awrooppaa cabsuun shakkamtee too’annaa jala oolfamte malee, dhimma Ameerikaa waliin wal hin qabatu”jechuun murtii duraa kan raggaasise tahuu odeeyfannoo ni addeessa.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button