header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa keessatti lakkoofsi namoota dhibee Chikungunyaatiin qabamanii kuma 20 ol dhaqqabe

Weerarri dhibee Chikungunya jedhamuu torbaan sadi dura Bulchiinsaa Magaalaa Dirree Dhawaa Keessatti ka’e babal’atuun,  yeroo ammaa namoonni dhibee kanaan qabaman kuma 20 ol tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Waajjirri fayyaa bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa dhibee kana too’achuuf carraaqaa kan jiru tahus, weerara kana to’achuu fi namoota dhukkuba kanaan qabaman yaaluu irrattis hanqinni akka jiru jiraattoonni magaalaa Dirree Dhawaa beeksisan

 

Haata’u malee waajirri eegumsa fayyaa gandoota dhibeen kun heddumiinaan mul’ate keessatti,  manneen jireenyaa irra deemuun dawaa bifaa fi bishaan kuufame dhangalaasaa akka jiru odeeyfannoon ni addeessa.

 

Ministeerri eegumsa fayyaa kan Federaalaa dhibee kana too’achuuf ogeessotaa fi Qarshii Miliyoona 1.2 Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatiif kan erge tahuunis  beekamee jira.

 

 

 

 

3 Comments

  1. Sagantaan keessaan kan baay’ee namagammachisuufi kan nama barsiisuudha,akkuma kanan itti nuf jabaadha,hangaa dirreen quraanafi adiisaa babal’atee aduwwiin musiilimaa lafarraa badduutti itti nuf cima,nutis hangaa dandeetti keenyaatti isiin faana jirraa rabbii waliin.

  2. As wr wb warri nurrallahuda kuni jabati haluma kanai itti nuf fufa mashallah rabbi isini irra ha jalatu jzk keep going ❤️❤️❤️❤️

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button