header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessatti gamoon mana barnootaa jiguun, yoo xiqqaate lubbuun barattoota torbaa dabruu gabaafame

Balaa ganama har’aa mana barnoota dhuunfaa keessatti muudate kanaan hanga ammaatti barattoonni 7 kan du’an yoo tahu, barattoonni 59 ammoo miidhaa cimaa irra gaheen gara Hospitaala Biyyolessaa Keniyaataa jedhamutti kan geeffaman tahuu gaazexaan biyyattii Daily Nation gabaase.

Qondaaltonni biyyattii akka jedhanitti, bala har’a ganama sa’aa 7am  tahuuf daqiiqaa muraasa dura muudate hordofuun, dhaabbata fannoo diimaa biyyattii dabalatee hojjattoonni yeroo balaa gamoo jige jalatti baraattoota hafan baraaruuf tattaaffii irra kan jiran tahuu ibsan.

 

Hoggantoonni mana barumsichaa balaan kun  bulchiinsi magaalaa Naayiroobii bo’ii balfaa tolchuuf naannawa mana barumsaa kana qotuu isaatiin, bu’uurri gamoo mana barnootaa miidhamuu hin oolu jechuun himan. Haata’u malee qondaaltonni magaalattii dhimmicha bal’inaan osoo hin qoratin sababa balaa kana ibsuun hin danda’amu jechuun haalan.

 

Mana barumsaa kana keessatti barattoonni 800 ol kan baratan yoo tahu, walumaa galatti barattoonni meeqa balaa kanaan kan miidhaman akka tahe ammatti wanti beekame hin jiru.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button