header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Lammiileen Iraaq qaalayiinsa jireenyaa fi malaamaltummaa mootummaa biyyattii keessatti babal’ate balaalefachuun mormii geggeessaa jiran

Malaamaltummaa mootummaa Iraaq keessatti bababal’ataa dhufeen wal qabatee, biyyattii keessatti qaalayiinsi jireenyaa kan hammaate tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Kanuma hordofuun lammiileen biyyattii “mootummaan malaamaltummaa ittisuudhaaf kutannoo hin qabu; akkasumas diinagdee biyyattii fooyyessuufis karoora hin qopheessine”jechuun Kiibxata dabre irraa jalqabee magaalota heddu keessatti mormii geggeessaa jiran.

 

Mormii ummataa biyyattii keessatti ka’e kana ukkaamsuuf mootummaan Iraaq  tarkaanfii humnaa fudhateen lubbuun nama hedduu dabree jira. Dhaabbileen mirga namoomaa biyyattii akka jedhanitti,  guyyoota sadan dabran keessa iddoo gara garaatti humnootni tika mootummaa mormitoota irratti dhukaasa bananiin namoonni 42 kan ajjeefaman yoo tahu, mormitoonni  1,500 ol ammoo madaayanii jiru.

 

Mootummaan Iraaq mormii ummataa biyyattii keessatti babal’ataa dhufe Kana too’achuuf,  Khamiisa kaleessaa irraa jalqabee Baagdaad fi magaalota biroo heddu keessatti labsii yeroo muddama kan baase tahuu beeksise. Muummichi ministeera Iraaq Adiil Abdul-Mahdi akka jedhetti, labsiin yeroo muddamaa kan barbaachiseef biyyattii keessatti seera kabachiisuuf,  akkasumas nageenya mormitootaa eeguuf akka tahe hime.

 

Haata’u malee mormiin guyyaa har’aatis naannolee biyyattii heddu keessatti kan itti fufe yoo tahu, kutaa biyyattii Al-Diwaaniyyaa jedhamu keessatti mormitoonni mana marii naannichaa kan too’atan tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa. Kanuma hordofuun Paarlaamaan biyyattii ibsa baaseen, bakka bu’oota mormitootaa waliin mari’achuuf qophii tahuu beeksise.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button