header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Jaappaan hobomboleettii hamaa magaala Tookiyootti dhihaate hordofuun, ummanni miiliyona jaha tahu akka jalaa baqatu  akeekkachiise

Robaa cimaa bubbee makatee naannawa magaalaa Tookiyoo keessatti roobaa jiru hordofuun, sigiga lafaa fi lolaa uumameen lubbuun namaa fi qabeenyi heddu kan barbadaaye yoo tahu, mootummaan biyyattii ammas hobomboleettiin hamaan magaala Tookiyootti kan dhihaate tahuu ibsuun,  ummanni miiliyoona jaha tahu magaalatti lakkisee akka baqatuuf akeekkachiise.

 

Dhaabbanni Metrolojii biyyatti ibsa baaseen, Jaappaan yeroo heddu hobomboleettii cimaa taheen kan rukutamtu tahus, kan amma magaalattiitti dhihaate waggaa 60 asitti isa cimaa tahuu beeksise. Kanuma hordofuun mootummaan biyyattii  Poolisii fi waraana biyyattii irraa loltoonni 17,000 duula lubbuu baraaruutiif qophii akka tahan ajajee jira.

 

Hobomboleettiin cimaan kun iddoola naannawa magaalaa Tookiyootti argaman heddu kaleessa galgala kan rukute yoo tahu, namoonni lakkofsaan hin beekamin kan du’an tahuufi, akkasumas manneen jireenyaa 370,000 ol tahan irraa sararri elektirikaa kan cite tahuu gabaafame.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button