header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godinaalee Oromiyaa heddu keessatti mormiin cimaan kan geggeeffamaa jiru tahuu beekame

Halkan edaa waardiyyoonni Aktiivist Jawaar Muhammad eeggumsa naannawa mana isaatti geggeessaa turan dhiisanii akka bahan ajajamuun eega ibsamee booda, godinaalee Oromiyaa heddu keessatti ummanni daanditti bahuun mormii kan jalqabe tahuun beekamee jira.

 

Obbo Jawar fuula feesbuukii isaa irratti “Qaama dhimmi ilaallatuuf”jechuun dhaamsa dabarseen,  “Humna waraanaa mana kiyyatti dabalataan ergaa jirtan deebisaa. Qaamni hidhate kamiyyuu dukkana kanaan nutti siqnaan kan ofirraa ittifnu ta’uun beekamuu qaba. Walitti bu’iinsaa fi dhiiga jiguu maluuf itti gaafatama kan fudhatu mootummaa ta’uu ummanni bal’aan akka nuuf hubatu.”Jechuun beeksise.

 

Haaluma kanaan halkan edaa irraa jalqabee dargaggoonni magaalaa Finfinnee gara mana Jawaaritti imaluun, hanga yeroo ammaatti naannicha marsanii kan jiran tahuu odeeyfannoon arganne ni addeessa. Gama biraatiin ammoo daandiin konkolaataa gara magaalaa Finfinnee seenufi, akkasumas daandiiwwan gurguddaan naannoo Oromiyaa qaxxaamuran hundi kan cufaman tahuunis beekamee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button