header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Bulchinsi magaalaa Finfinnee, barattoonni Muslimaa Yunifoormiin gabaabduun kannameef jijjiirrachuu akka danda’an ibse

Bulchinsi magaalaa Finfinnee barattoota mana barumsa mootummaa barataniif, sagantaa guyyatti nyaata yeroo lama dhiheessuu qopheessuu, Akkasuma dhaabbilee daldalaa fi hawaasummaa waliin tahuun barattoota manneen barnoota mootummaa baratan hedduuf deeggarsa, meeshaalee barnootaa kanniin akka dabtara, qalamaa fi huccuu barattootaa(Yunifoormii) godhuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Haaluma kanaan huccuu shamarran Muslimaa ilaalchisee komiin ni ‘gabaabbatte’ jedhu kan ka’e yoo tahu, bulchinsi magaalaa Finfinnee barattoonni huccuun(Yunifoormiin) isaanii irraa gabaabbatte akka jijjiirachuu danda’an beeksise.

Dubbi himaan koree fala barbaadduu hawaasa Muslimaa 17nii Ustaaz Ahmaddiin Jabal, barreeffama fuula Facebook isaa irratti arra maxxanseen, dhimmicha irratti ji’a tokko dura itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa waliin haasawuu fi Injinar Taakkalaan, koreen uffata barattoota shamarran Muslimaa hordofu hundeeffamuu Ustaaz Ahammaddiin kan beeksisee ture tahuu ibse.

Tahus komii hawaasa biraa ka’aa jiru hordofuun Ustaaz Ahmaddiin arraas irra deebi’ee Injinar Taakkalaa qunnamee jira. Marii bilbilaan godhaniin “barattoonni dogonggorri akkasii mudate Yunifoormicha akka jijjiiraachuu danda’an” Injinar Taakkalaan kan itti hime tahuu ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button