OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Gaaffii umanni Zoonii Sidaamaa Naannoo ta’uuf gaafataa ture irratti filannoon rifarandamii gaggeeffamaa jira

Manni Maree Zoonii Sidaamaa karaa Mana Maree Naannoo Kibbaatiin, naannoo tahuuf rifarandamiin akka gaggeeffamuuf kanaan dura Boordii Filannoo Biyyoolessaatiif gaaffii dhiheefatee ture. Kanuma hordofuun Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ibsa ji’a Adoolessaa baaseen, heera mootummaa irratti hundaa’uun yeroo dhihoo keessatti rifarandamii gaggeessuudhaaf qophii barbaachisu xumuruu ibse.
Haaluma kanaan boordichi gaaffii naannoo tahuuf dhihaate irratti, ummatni Sidaamaa sagalee isaa akka kennuuf torbee tokko dura galmee filattootaa kan geggeessaa ture yoo tahu, guyyoota galmeef kennaman jaha keessatti ummanni miiliyona 2.4 sagalee kennuuf kan galmaahe tahuu ibsame.
Haaluma kanaan Arba’aa har’aa Sadaasa 10/2012 ummanni Sidaamaa Sagalee kennaa kan jiru yoo tahu, bu’aan filanoo kanaa guyyaa boruu ifa akka tahu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksisuunse.

Comment

Related Articles

Back to top button