header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hiriirri mormii magaalaa Roobee Baaleetti geggeeffamaa ture Rayyaa Ittisa Biyyaatiin bitinnaa’e

Haleellaa Masjidoota naannoo Amaaraa irratti raawwatame hordofuun Hiriirri mormii guutuu biyyaatti jalqabame guyyaa har’aatis magaalota hedduutti geggeeffamee oole.

Magaalota guyyaa har’aa hiriirri mormii itti geggeeffame jidduu, magaalaa Roobee Baaleetti waraanni Rayyaa Ittisa Biyyaa hawaasa Muslimaa karaa nagayaan mormii dhageessisaa turan irratti reebicha raawwatuun hiriira bitineesse. Hirmaattoonni hiriira kanaa hedduun miidhamuu qindeessitoota hiriirichaa jidduu namni bilbilaan dubbisne hime.

Akka namni kun jedhetti “hiriira kana irratti jeequmsi tokkolleen hin turre. Dhaadannoon dhageesisaa turrees ‘qaamoleen naannoo Amaaraatti, Masjidoota keenya ibiddaan guban haa gaafataman’ je’u ture. Haa ta’u malee waraanni mootummaa osoo nuti of quba hin qabne duubaan konkolaataa Ooraliin dhufanii reebicha hamaa nurraan gahanii”jedhe.

Osoo mirga isaaniitif falmaa jiranii ‘waraanni isaan reebe’ yakka waan hojjateef akka seeratti dhihaatu jiraattoonni gaafatan.

8 Comments

  1. sila kaa jedhu ani mootumman maaliif callise waan kana!nuu ammo osoo jirru quranni gubata!!uuuufff!sila dhumne wayya lafeen lafaa haa ciisuu.

  2. sila kaa jedhu ani mootumman maaliif callise waan kana!nuu ammo osoo jirru quranni gubata!!uuuufff!sila dhumne wayya lafeen lafaa haa ciisuu!!!!

  3. Pingback: Q.s.i
  4. Mootumma biyya keenya bulchaa jiru baayyeen jaalladha Isarrammo Amantiikoon jaalladha

    worra masjiida gube Murtii Ajechaan erra eega

  5. kun dinqiidhum ka yakka dalage ittilaal kan yakkikun maaf dalagame jee morm irrat waraan bunun asirrah nuf galte akka motumaan kesaa harkaqb waan kan zalim rabiin nurraa haadebis nut waa humn hinqabnu says:

    Abdullaxiif
    qaasim
    saiid

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button