header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Paakistaan Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii yakka Indiyaan Kaashimiir keessatti raawwataa jirtu dhaabsisuuf hatattamaan tarkaanfii akka fudhatu gaafatte

Muummichi ministeera Paakistaan Imraan Khan Foramii Diinagdee Addunyaa Swizarlaand magaalaa Davos keessatti geggeeffamaa jiru cinatti ibsa Arba’aa kaleessaa miidiyaaleef kenneen, “haalli sodaachisaan Kaashimiir keessa jiru dhoohuun gara lola hamaatti osoo hin jijjiiraminiin dura, dhaabbileen idil addunyaa akka UN tarkaanfii hatattamaa fudhatuu qaban”jedhe.

Mr Khan akka jedhutti, Indiyaa fi Paakistaan ammatti kallattiidhaan lola guddaa keessa galuu dhabaatanis, duulli hammeenyaa mootummaan Indiyaan muslimoota biyya isaa, biyyoota ollaa, akkasumas dararaan lammiilee Khashimiir irratti geggeessaa jiru haala jiru daranuu booressuun, naannicha lola guddaa keessa galichuu mala sodaan jedhu garuu guddaa tahuu hime. Imraan Khan himannaa isaa kanaaf immoo, tarkaanfiin humnaa mootummaan Indiyaa lammiilee biyyattii seera muslimoota cunqursuuf bahe mormaa jiran irratti fudhataa jiru fakkeenya guddaa tahuu ibse.

Mootummaan Indiyaa finxaaleyyii amantaa Hinduutiin hoogganamu August dabre mirga ofiin of bulchuu ummata Kaashimiir heera biyyattiitiin kennameef haquun, naannicha bakka lamatti adda qooduun humna waraanaatiin mootummaa jiddu galeessaa jalatti galchuun ni yaadatama. Kanuma hordofuun mormii ummataa naannicha keessatti dhoohee ukkamsuuf, taajijila interneetii fi telefoona addaan kutuun, lammiilee Kaashimiir kumaatamaan lakkaahaman manneen hidhaatti kan guuraa jiran tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Paakistaan bara 1947 Indiyaa irraa eega fottoqxee booda, naannoon Kaashimiir humnaan bakka lamatti kan qoodame yoo tahu, ummanni Kaashimiir gama lamaan jiru, Paakistaan waliin walitti makamuu yookaan ammoo biyya Kaashimiir walaba taate hundeefachuuf kan falmataa jiru tahuu ni beekama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button