header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Mariin qophii wixinee sanada waliigaltee hidha laga Abbaay ilaalchisee geggeeffamaa ture waliigaltee malee xumurame

Mariin qophii wixinee sanada waliigaltee haala guutinsaa fi gadi lakkifama bishaan hidha laga Abbaay ilaalchisee Waashingitan DCtti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumurame. Ameerikatti Ambaasaddarri Ityoophiyaa Obbo Fitsum Araggaa fuula Feesbookii isaa irratti, “Mariin qophii wixinee waliigaltee guyyoota lamaaf Ameerikaatti geggeeffamaa ture walii galtee malee xumurame”jechuun barreesse.

Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dr. Injiner Silashii Baqqalaa torbee kana marii qophii wixinee waliigaltee haala guutinsa fi gadi lakkifama bishaan hidha haaroomsaa ogeeyyiin biyyoota sadanii irratti hirmaachuuf gara Ameerikaa Waashingitan DC kan imale tahuu gabaafame. Mariin biyyoota sadeenii xumura ji’a kanaa walii galteen ni goolabama jedhamee ture.

Marii hidha laga Abbaay ilaalichisee yeroo dheeraaf geggeeffamaa tureen Suudaan yaada Ityoophiyaa kan deeggaraa turte tahus, yeroo dhihoo as ammoo Masriif tumsaa jiraatuus odeeyfannoon ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button