header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godina Haadiyyaa magaalaa Borooshaatti barattoonni 89 ol sababa Jilbaaba uffataniif barnoota irraa ari’aman

Naannoo sabaa fi sablammoota ummata kibbaa godina Haadiyyaa, aanaa Shashaagootti, barattoonni shamarraan Muslimaa 89 ol tahan mana barumsa sadarkaa 2ffaa magaalaa Borooshaatti ‘maalif Jilbaaba uffattan, maalif asitti Salaattan’ jechuun barnoota irraa ari’amuun dhagahame.

Barattoonni kan hidhamanii fi malees qaamota nageenyaatin kan reebamanii turan yoo tahu, Guyyaa Arba’aa dabre irraa kaasee sababuma kanaaf barattoonni Muslimaa mana barumsa sadarkaa 2ffaa, kutaa 9 – 12 jiran hundi barnoota addaan kutuuf dirqaman.

Godinichatti dhiibbaan hawaasa Muslimaa irratti hoggantoota mootummaan raawwatamu kan hammaate yoo tahu, torbaan lama duras Masjidni Awwal kan magaalaa Hosaanaatti argamu qaamolee mootummaan cufamee hanga ammaatti kan hin banamin tahuu odeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button