header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Sa’uudii dhimma Hajjii baranaa irratti murtii irra waan hin gahiniif muslimoonni obsaan akka eeggatan gaafate

Utubaa Islaamaa shanan jidduu Hajjii raawwatuun tokko yoo tahu, nama Muslimaa hajjuu dandahu hunda irratti dirqama. Haaluma kanaan dirqama kana bahuuf wagga waggaan Mulsimoonni Miliyeena 2 ol tahan Sa’uudii alaa fi Miliyeenni 3 ol ammoo Sa’uudii keessaa gara magaalota kabajamoo lamaan Makkaa fi Madiinaatti sirnicha raawwatuuf imalu.

Barana ammoo gaaga’ama weerarri dhibee Koroonaa Vaayiras addunyaa irraan gahaa jiru hordofuun, Hajjiin bara kanaa shakkii ni gaggeeffama moo, hin gaggeeffamu jedhu keessatti argama.

Ministeerri Hajjii fi Umraa Sa’uudii Dr Muhammad Saalih bin Xaahir gaaffii fi deebisaa TV Ekhbariya jedhamu waliin godhe irratti “Muslimoonni, hanga haalli hamaan weerara dhibee Koroonaa Vaayirasiin wal qabatee jiru kun adda bahuutti, Hajjii baranaatiif akka hin karoorfanne” jedhe.

Itti ida’uunis “hunda kan dursu nagayaa fi fayyaa Hujjaajotaa eegsisuudha. Kana xiyyaffannoo keessa galchuun barbaachisaadha. To’annoon weerara dhibee Koroonaa Vaayiras sadarkaa abdachiisaa irra hanga gahutti Muslimoonni Hajjiif akka hin muddamne dhaamna” jadhe.

Ministeera fayyaa Sa’uudii waliin tahuun, Hoteelota, Haakimoota, iddoo ciisichaa fi tajaajila Hujjaajotaaf barbaachisan gahaa ni qabna kan jedhus adda baafachaa jiraachuu Dr Muhammad ibse.

Galiin Sirna Hajjii irraa argamu lafee duydaa diinaggee mootummaa Sa’uudii yoo ta’u, sirni Hajjii baranaa July dhufu keessa geggeeffama jedhamee eegamu, weerara dhibee Koroonaa-vaayras kanaaf ugguramuu hin oolu sodaan jettu jabaachaa dhufe jira.

Chaayinaa ka’ee saffisaan wal gahuun akka addunyaatti dhukkubni Koroonaa-vaayras namoota kuma 700 ol faale, namoota kana jidduu immoo 42,000 ol sababa dhibee kanaan addunyaa irraa kan godaanan yoo tahu, Addunyaan dawaa dhibee kana argachuuf ijibbaata guddaa irra jiraattus qoricha hanga ammaatti argachuu hin dandeenye.

Tatamsa’a dhibee kanaa too’achuuf mootummaan Sa’uudii yeroo ammatti tarkaanfii fudhateen Umraa, daawwannaa fi sochiilee gara garaa ugguruun ni beekkama.

Akkasumas masjidoota kabajamoo lamaan Masjidul-Haraam fi Nabawii dabalatee masjidoota guutuu biyyattiitti Salaanni Jam’aa fi Jum’aa dhoorkamee jira.

Sa’uuditti dhibeen Koroonaa-vaayras namoota 1300 ol tuqee jira. Kanarraa namni 10 du’uu Ministeerri Fayyaa Sa’uudii ifoomse.

 

2 Comments

  1. Aswrwb maqaankoo U.Z. GaafiiQaba? yeroo jaartii wajjiin HaasawaJaalalaa haasawan
    bishaanTokkoo dhiiraaFi dhalaarraahiis yaa’a
    duuba! Kanaaf bishaanNamarraaYaa’u kun
    Najisamoo? Udu’anneetumaSalaanna! ?

    Deebi keessan saatiiMeeqatti Eegadha? j z k.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button