header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaahee 105 gahe

Ministeerri Fayyaa ibsa har’a baaseen, Sa’aa 24 dabre keessatti qorannaa laabraatoorii namoota 659’f godhameen, namoonni 9 vaayrasii koroonaatiin qabamuun isaanii mirkanaa’ee jira jedhe. Namoota salgan vaayrasichaan qabaman jidduu 8 lammiilee Ityoophiyaa, tokko ammoo lammii Ikwaatooriyaal Giinii tahuu ibsame.

Namoota kanneen jidduu 6 dhiheenya gara biyya alaa warra imalanii turan akka taheefi, 3 ammoo namoota vaayrasichaan qabaman waliin tuttuqii kan qaban tahuu ibsi ministeera Fayyaa ni addeessa.

Namootni vayirasichi irratti argame Arfan isaanii jiraattota magaalaa Finfinnee, 3 ammoo Jibuutii irraa dhufanii Dirree Dhawaatti iddoo tursiisaa keessa kan turanii fi namni tokko ammoo jiraattuu Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Kosaa akka taateefi, namoonni biyya alaatii dhufan kophattii bahanii akka tursiifaman osoo hin labsmin duratti, biyya Lubnaan irraa kan deebite tahuun beekamee jira.

COVID ETH

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button