header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahe 731 gahe

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa har’a baaseen, sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabratoorii 4,352 geggeesseen, namoota 30 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vayirasichaan qabamuu mirkanaahee 731 gahee jira.

Namoota haarayatti Vaayirasichi irratti argame jiddu 22 dhiira, 8 ammoo dubartoota akka tahaniifi, umriin isaanii 9-60 tahuu ibsame. Iddoon jireenna namoota kanneenii ammoo 15 jiraattota magaalaa Finfinnee yoo tahan, isaan keessaa namoonni 13 seena imala biyya alaatis tahee, nama kanaan dura dhibame waliinis wal qunnamtii hin qaban.

Dabalataanis namoonni biroo 2 Naannoo Tigraay irraa, namoonni 8 kanneen naannoo Amaaraatti kophatti baafamanii hordoffiin yaalaa godhamaafii ture yoo tahan, namoonni 3 naannoo Hararii, tokko ammoo naannoo Oromiyaa irraa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa. Namni tokko ammoo konkolaachisaa daangaa biyyaa qaxxaamuru tahuu ibsame.

Namoota guyyaa har’aa Vayirasichi irratti argamuu ibsame jidduu 11 imala biyya alaa irraa kan deebi’an yoo tahan, 5 ammoo namoota kanaan dura Vaayirasichaan qabaman waliin wal qunnamtii qabaachuu gabaafame. Namoonni 14 ammoo seena imala biyya alaatis tahee , nama kanaan dura dhibame waliinis wal qunnamtii hin qaban.
Tamsa’ini vaayirasichaa biyyattii keessatti saffisaan kan dabalaa jiru yoo tahu, haaluma walfakkaatuun Alhada kaleessaa vaayirasichi namoota 46 irratti, Sabtii dheengaddaa ammoo namoota 73 irratti argamuu gabaafame. Walumaa galatti guyyoota sadan dabran qofa namoota 149 irratti argamuun mirkanaahee jira.

Akka gabaasa ministeera faayyaatti Itoophiyaa keessatti walumaa galatti hanga guyyaa har’aa qorannoon labraatorii 91,616 kan gaggeeffame tahuus ibsame.

Gama biraatiin ammoo lakkoofsi namoota vayirasicha irraa bayyanatanii 181 akka gaheefi, hanga ammaatti namoonni 6 vaayirasichaan du’uu gabaasni ministeera fayyaa ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button