header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Walitti bu’iinsi waraana Chaayinaa fi Indiyaa jiddutti ka’e hammaataa dhufuu gabaafame

Jalqaba ji’a kanaa loltoonni Chaayinaa fi Indiyaa daangaa irratti walitti bu’uun eega dhagahamee booda, biyyoonni lamaanuu humna dabalataa gara naannichaa kan ergaa jiran tahuu gabaafame. Hanga ammaatti gama lamaan irraa loltoonni diigdamaa ol madaayuu odeeyfannoon ni adddeessa.

Chaayinaan naannawa daangaa Kaashimiir irratti argamu dabalatee, gaarri Himaaliyaa gamni tokko kiyya jechuun falmiti. Indiyaan ammoo himannaa Chaayinaa moggatti dhiisuun naannicha keessatti daandiiwwanii fi bu’uuraalee misoomaa ijaaraa kan jirtu yoo tahu, waraanni Chaayinaa kanaan duras sochii Indiyaa dhaabsisuuf carraaqaa kan ture tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Walitti bu’iinsi kanaan dura ture sadarkaa bulchiinsa naannolee gama lamaaniitti furamaa kan ture tahus, miila kana garuu ministeeronni haajaa alaa biyyoota lamaanii kallattiidhaan wal yakkaa jiran.

Ministeerri haajaa alaa Chaayinaa ibsa baaseen “Chaayinaan birmadummaa daangaa isii eegsisuuf, akkasumas daangaa Chaayinaa fi Indiyaa irratti nageenyaa fi tasgabbiin akka mirkanaahuuf kutannoon socho’aa jirti”jedhe.

Ministeerri haajaa alaa Indiyaa gama isaatiin “Indiyaan sochiin geggeessaa jirtu hundi daangaa isii keessatti qofa; haata’u malee waraanni Chaayinaa daangaa ce’uun sochii loltoota Indiyaa danqaa jira”jechuun yakke.

Miidiyaaleen Indiyaa ammoo, eega walitti gaarriffannaan dhiheenya kanaa hammaatee asitti qofa, Chaayinaan daangaa ce’uun loltoota dabalataa kuma 10 ol buufataalee 80 keessa kan qubsiiste tahuu gabaasaa jiran.

Gama biraatiin ammoo Prezdaant Traamp Waldhabbiin biyyoota lamaanii gara lola hamaatti kan dhihaate tahuu ibsuun, Ameerikaan biyyoota lamaan jidduu jaarsummaa taa’uuf qophii tahuu beeksise.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button