header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATE JUNE 7, 2020

Ministeerri Fayyaa Sa’aa 24 dabre keessa qoronnoo geggeefameen namoota 86 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise
Ministeerri Fayyaa ibsa Alhada har’aa baaseen, qorannoo laabiraatoorii sa’aatii 24 darban keessatti namoota 6,092 irratti geggeeffameen, namoota 86 irratti vaayirasiin Koroonaa argamuu beeksise.
Namoonni vaayirasichi irratti argame dhiira 51 fi dubartoota 35 yoo ta’an, hundinuu lammiilee Ityoophiyaa tahuu ibsame.
Namoota kanneen jidduu 66 jiraattota magaalaa Finfinnee, 7 naannoo Tigiraay, 1 naannoo Amaaraa, 4 naannoo Kibbaa, 7 jiraattota naannoo Oromiyaa yoo tahan, namni tokko ammoo magaalaa Dirree Dhawaa irraa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.
Haaluma kanaan Ityoophiyaa keessatti baay’inni namoota Vaayirasii Koronaatiin qabamanii 2,020 kan gahe yoo ta’u, namoonni 344 ammoo dhibee kanarraa fayyuu ibsame.
Dabalataanis ministeerri Fayyaa ibsa har’a baase kanaan, dubartii kanaan vaayirasichaan eega qabamtee booda deesse takka dabalatee namoonni 7 du’uu ibse. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaatiin du’anii 27 gahee jira.

Cov 007

Comment

Back to top button