header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Maree naannoo Tigraay filannoo biyyaalessaa 6ffaa akka naannichaatti gaggeessuuf murteesse

Manni Maree naannoo Tigraay yaa’ii ariifachiisaa guyyaa har’aa gaggeesseen, naannichatti filannoo bara kanaa gaggeessuuf murtii kan dabarse tahuu gabaafame. Biiroon Kominikeeshiinii Naannichaa akka beeksisetti, Manni marichaa seera hordofuun akkaatuma karoora yeroo filannoo kanaan dura kaa’ameen filannoo gaggeessuuf sagalee guutuun murteessuu ibse.

Dabalataanis weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf labsii yeroo ariifachiisaa fooyyessuuf wixinee dhiyaaterratti akka mari’ateefi, haaluma kanaan Waxabajjii 17 eegalee labsiin yeroo ariifachiisaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf bahee ture baatii 2 fi guyyoota 15f akka itti fufu murtaahuu odeeyfannoon FBC irraa argame ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button