header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaKoroonaaOdeeyfannoo

Maaleezhiyaan Lammileen Isii Sirna Hajjii Bara Kanaaf akka hin imale dhorkite

Sodaa weerara tatamsaa’a dhibee Koroonaa Vaayiras hordofuun, Maaleezhiyaan lammileen isii sirna Hajjii bara kanaaf akka hin imale tahuu beeksiste.

Maaleezyiyaan biyya ummata muslimaa lakkoofsaan guddaa qabdu yoo taatu, Lammileen isii 10,000 ol waggaa waggaan Sirna Hajjii raawwatuuf gara magaaloota Kabajamoo Makkaa fi Madiinaatti imalu, Haata’u malee bara kanaatti lammilee isii sirna Hajjiif kan hin ergine tahuu ministeerri dhiimma amantaa biyyaattii Zulkiifl Muhammad Al- Bakrii ibse.

Ministeerichi ibsa Televizyiina biyyaattii irratti kenneen
” Hujaajoonni murtee dabre obsaan ni fudhatu jedhee abdadhaa”jedhe.
Sirna Hajjii bara kanaaf lammileen Maaleezyiyaa 30,000 kan galmaawanii turan tahus gabaafame.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button