OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Kolleejjii Imaamu Shaafi’ii gara Yunivarsitiitti guddisuuf dhagaan bu’uraa kaayame

Kolleejjiin Islaamaa Imaamu Shaafi’ii kan magaalaa Adaamaatti argamu, waggoota dura hojiitti kan seene yoo tahu, guyyaa har’aa gara Yuunivarsitiitti guddisuuf dhagaan bu’uraa kaayamu gabaafame.
Sirna dhagaa bu’uuraa kaayu hardha geggeeffame kana irratti, bu’ureessaa Kolleejjiichaa fi prezdaantii mana Marii Dhimmoota Islaamaa Naannoo Oromiyaa kan tahan Sheikh Hajjii Ibrahim, Kantiibaa magaalaa Adaamaa Assaggid Geetaachaw, hoggantoota majlisa magaalaa Adaamaa fi Abbootiin qabeenyaa argamanii jiru.
Kolleejjii kana gara Yuunivarsitiitti guddisuuf birriin miliyoona afurtama fi kuma dhibba tokko fi Afurtamii afuri (40,144,000) kan barbaachisu tahus ibsame.