header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Meeksikoo keessatti iddoon reeffi namoota 29 jumlaan itti awwaalame argame

Qondaaltonii Meeksikoo akka jedhanitti, Awwaalli jumlaa kun kan argame qarqara magaalaa Guadalajara jedhamtu tan lixa biyyattiitti argamtuu keessatti yoo tahu, reeffi namoota kanneenii pilaastikaan maramee kan argame tahuu beeksisan. Abbaan alangaa kutaa Jalisko Jerardoo Solis miidiyaaf ibsa kenneen, “reeffi namoota 13 qaama guutuun kan argame yoo tahu, reeffi 16 ammoo cicciramee argame. Haaluma kanaan lakkoofsi namoota iddoo kanatti awwalamaanii kanaa olis tahuu mala”jedhe. Dabalaatanis reeffi namoota amma argame kana jidduu 3 dubartoota tahuu beeksise.

 

Meeksikoo keessatti gareewwan baala sammuu namaa hadoochu daldalan sochii daldalaa dhuunfatti too’achuuf  jecha yeroo heddu kan walitti bu’an akka taheefi, awwaalli jumlaa akkanaa biyyattii keessatti kanaan duras yeroo heddu kan argame tahuu odeeyfannoon kun ni ibsa.

 

Haaluma kanaan mootummaan biyyattii awwaalli jumlaa kan birootis naannawa magaalaa Guadalajara jiraachuu mala shakkii jedhuun waraanni biyyattii naannicha too’achuun kan sakatta’aa jiru tahuu ibsame.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button