header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATES June 24, 2020

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahe 5,034 gahe

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa har’a baaseen, sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabratoorii 4,034 geggeesseen, nama 186 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vayirasichaan qabamuu mirkanaayee 5,034 gahee jira.

Namoota kanneen jidduu 73 dhiira; 113 ammoo dubartoota akka tahaniifi, umriin isaanii ammoo baatii 6 hanga waggaa 75 tahuu ibsame. Namoonni 181 lammiilee Ityoophiyaa yoo tahan, 5 ammoo lammii biyya biroo tahuu gabaafame.
Iddoon jireenna namoota kanneenii ammoo 147 jiraattota magaalaa Finfinnee, 16 naannoo Somaalee irraa, 10 Nannoo Affaar irraa, 8 Magaalaa Dirree Dhawaa irraa, 4 naannoo Oromiyaa irraa yoo tahan, tokko ammoo naannoo Kibbaa irraa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.
Gama biraatiin ammoo lakkoofsi namoota dhibee kana irraa bayyanataniitis 1,486 akka gaheefi lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaa du’anii ammoo 78 gahuu gabaasichi ni mullisa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button