Lakkoofsi Namoota Naannoo Oromiyaatti ajjeefamanii 100 ol tahuu ibsame

Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmad Guyyaa har’aa marii haala yeroo irratti qondaaltota mootummaa waliin kan taasise tahuu gabaafame.

Marii kana irratti Abiy, Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa hordofuun walitti bu’insa mudateen yoo diqqaate namoonni 100 ajjeefamuu fi yakka raawwatames “yaalii qindaawaadha” jechuu isaa AFP’n gabaase.

Mummichi Ministeeraa qaama badii kana raawwate ifatti baasee hin ibsine. Haa ta’u malee qaamolee jeequmsa kana qindeessan irratti tarkaanfiin ni fudhatama jechuun dhaadate.

Hiriira mormii yeroo ammaa Oromiyaatti taasifamaa jiruun Ajjeechaa, hidhaafi dararamni jiraattota irra gahaa jiraachuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Comments
Loading...