Ibaadaa

Lubbuun takkallee eessattii fi haala kamiin akka duutu hin beektu!

Lubbuun hundinuu du’a dhandhamtuudha, garuu lubbuun takkallee eessattii fi haala kamiin akka duutu hin beektu!

Rabbiin ol tahe Qur’aana isaa keessatti; “Lubbuun takka waan bor carraaqattu hin beektu! akkasuma lubbuun takkalleenuu dachii kamitti akka duutu hin beektu! Dhugumatti Rabbiin beekaa; keessa hubataadha!”Jedha

وَمَا تَدۡرِی نَفۡسࣱ مَّاذَا تَكۡسِبُ Øَدࣰاۖ وَمَا تَدۡرِی نَفۡسُۢ بِأَیِّ أَرۡضࣲ تَمُوتُۚ إِنَّ ٱللَّهَ عَلِیمٌ خَبِیرُ

Allaah’n -Subhaanahuu Wata’aalaa- aayaata biroo keessattis akkana jedha: “Lubbuun hundinuu du’a dhandhamtuudha! mindaawwan keessanis guutumatti kan argattan guyyaa Qiyaamaati! Namni ibidda irraa fageeffame, Jannata seensifame, dhugumatti milkaa’ee jira; Jireenyi duniyaa, meeshaa Aakhiraa irraa nama dagu/gowwoomsuudha.”Jedha.

 ” ÙƒÙÙ„ُّ نَفْسٍۢ ذَآئِقَةُ ٱلْمَوْتِ Û— وَإِنَّمَا تُوَفَّوْنَ أُجُورَكُمْ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ Û– فَمَن زُحْزِحَ عَنِ ٱلنَّارِ وَأُدْخِلَ ٱلْجَنَّةَ فَقَدْ فَازَ Û— وَمَا ٱلْحَيَوٰةُ ٱلدُّنْيَآ إِلَّا مَتَٰعُ ٱلْØُرُورِ”


Yaa Rabbi! Khaatimaa nu tolchi

Comment

Related Articles

Back to top button