header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Fuula Rabbii arguu

“‹”‹Qananiin hunda caalu fuula Rabbii nu uumee arguudha. Salphinniifi hoongoon hundaa olii Rabbii ofii arguu irraa dhorgamuudha. Kanaafuu kaafiroonni Rabbiin arguu irraa hoonga’an. Haadhaafi abbaa nama dhalchan osoo hin argin hafuun khasaaraadha. Garuu hanga khaaliqa nama uume irraa haguugamuu hin ulfaatu.

Ergamaan Rabbii ((SAW)) ni jedhan: “yeroo warri jannataa jannata seenan Rabbiin ol ta’e ‘wanti akka ani isiniif dabalu barbaaddan ni jiraa?’ jedha. Jarris ‘sila fuula keenya hin ibsinee? Sila jannata nu hin galchinee? Ibidda irraa bilisa nu hin baasnee?’ jedhu. Rabbiin ol ta’e haguuggii bana. hoggas isaan waan Rabbii isaanii ilaaluu caalaa isaan biratti jaalatamu tokkollee hin kennamne.” Muslimtu gabaase.

Akka Qur’aanni nutti himetti “fuulli gariin guyyaa san iftuudha. Gama Rabbii isiis ilaaltuudha.”
Fuulli kaan immoo quttoon jahannamaa isii haguugee Rabbiin arguu isii dhorga.
Yaa Rabbii keenya si ilaaluu nu waffaqi.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button