header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa

Prezedaantiin Taanzaaniyaa Joon Magufuuliin du’e

Hoggantoonni Paartii mormituu Taanzaaniyaa torbee tokko dura Prezedant Joon Magufuliin Covid-19 qabamee hospitaala Keeniyaatti yaalamaa akka tureefi, boodarra dhukkubbiin itti jabaatee haala lubbuu isaatiif yaaddessu irra gahuun gara Indiyaatti geeffamuu himaa turan.

Mootummaan biyyattii dhukkuusachuu Pirezedaantichaa torbaan lama guutuu waakkataa kan ture tahus, Joon Magufuuliin du’uu Prezedaantiin Itti-aantuu biyyattii Saamiyaa Suluhuu Hasan ibsa halkan edaa kallattiin TV biyyaalessaarratti kenniteen mirkaneessite.

Magufuliin hawaasatti eega mul’atee guyyoota 15 ol kan lakkoofsise yoo ta’u, tarkaanfii too’annoo Covid-19 biyyatti keessatti fudhateen walqabatee hedduu qeeqamaa ture.

Ajaja Prezdaantichi dabarse hordofuun qondaaltonni fayyaa Taanzaaniyaa, lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii eega Caamsaa darbeetii asitti hin beeksifne. Akkasumas Taanzaaniyaan talaallii vaayirasichaas hanga ammaatti bituu diddee jirti.


Maanguddoon ganna 61 Joon Magufuliin tamsa’ina vaayirasicha qolachuuf qajeelfama WHO’n baase hordofuu osoo hin taane, manneen amantaa keessatti kadhaadhaa, istiimii biqiltoota qorichummaa qabanirraa qophaa’e ulaadhaa jechuun lammiilee biyyattii gorsaa ture.

Prezdaant Magufuliin Jalqaba ji’a kanaatis sirna awwaalcha qondaala mootummaa biyyattii tokko irratti argamuun, Taanzaaniyaan Covid-19 bara darbe injifattee jirti, baranas irra deebiin ni injifatti jechaa akka ture gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button