Sadarkaa Salaatni halkanii qabu

Salaatni halkanii sunnaadha. Garuu ibaadaa akkaan Rabbittiin dhiyaatan keessaayi. Namoonni rabbiin isaanii laaffisee halkan dhaabbatanis gabroottan isaa gaggaarii warra tahani.
Rabbiin akkana jedha:
ÙˆÙŽÙ…ÙÙ†ÙŽ ٱلَّيۡل٠Ùَتَهَجَّدۡ بÙÙ‡ÙÛ¦ نَاÙÙلَةٗ لَّكَ عَسَىٰٓ Ø£ÙŽÙ† يَبۡعَثَكَ رَبÙّكَ مَقَامٗا Ù…ÙŽÙ‘ØÛ¡Ù…Ùودٗا
“Halkan irraas isaan (Qur’aanaan) haala (salaata) sunnaa siif taateen sagadi; Gooftaan kee iddoo faarfamaa ta’e si dhaabuun mirkanaa’aadha.”
Ammas Rabbiin mallattoo gabroota isaa gaggaarii yeroo nuuf himu akkana jedha:
Ù‚ÙŽÙ„Ùيلٗا Ù…Ùّنَ ٱلَّيۡل٠مَا يَهۡجَعÙونَ۞وَبÙٱلۡأَسۡØÙŽØ§Ø±Ù Ù‡ÙÙ…Û¡ يَسۡتَØÛ¡ÙÙØ±Ùونَ۞
“Halkan irraa xiqqaa qofa kan rafan turan.
Yeroo hiraabaa (obboroo) isaan araarama kadhataniidha.”
Rabbiin ol tahe ammas aayaata biroo keessatti akkana jedha:
ÙˆÙŽØ¹ÙØ¨ÙŽØ§Ø¯Ù ٱلرَّØÛ¡Ù…َٰن٠ٱلَّذÙينَ ÙŠÙŽÙ…Û¡Ø´Ùونَ عَلَى ٱلۡأَرۡض٠هَوۡنٗا ÙˆÙŽØ¥ÙØ°ÙŽØ§ خَاطَبَهÙم٠ٱلۡجَٰهÙÙ„Ùونَ قَالÙواْ سَلَٰمٗا۞وَٱلَّذÙينَ يَبÙيتÙونَ Ù„ÙØ±ÙŽØ¨ÙّهÙÙ…Û¡ Ø³ÙØ¬ÙŽÙ‘دٗا ÙˆÙŽÙ‚Ùيَٰمٗا
“Gabroonni Rahmaan isaan suutaan Dachii irra deeman; yeroo wallaaltonni isaan dubbisanis “Salaaman”(nagaa) jedhaniidha. Isaan Gooftaa isaaniitiif sujuuda godhaa; dhaabbataa bulaniidha”
وعن أبي هريرة رضي الله عنه أن رسول الله – صلى الله عليه وسلم – قال: (ينزل ربنا عز وجل كل ليلة إلى سماء الدنيا ØÙŠÙ† يبقى ثلث الليل الآخر Ùيقول: من يدعوني ÙØ£Ø³ØªØ¬ÙŠØ¨ له. من يسألني ÙØ£Ø¹Ø·ÙŠÙ‡. من يستØÙرني ÙØ£ØÙر له. متÙÙ‚ عليه
Ergamaan Rabbii (SAW) Hadiisa Abii Hureeyraa irraa odeeffameen akkana jedhan:
Rabbiin keenya(SAW)» halkan hunda gara samii Addunyaa kanaatti gadi bu’ee yeroo halkan sadaffaa (xumuraa) tahuuf ka’e akkana jedha: ‘Eenyutu na yaammata isaafin owwaadhaa; Eenyutu na kadhata isaafin kennaa; Eenyutu Araarama na gaafata isaaf Araaramaa’ Jedha.
Yaa Rabbii gabroota gaggaarii fuula kee argachuuf halkan dhaabbatan nu taasisi!
Tumsaa ahimad Rabbiin isin irraa haa jaalatu
Vidiyoon nuural hudaa bilbila xiqqaan akka buufamu osoo gootani haalan nutti tola jabadhaa