header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Qissaa

Haadhaa ofii dallansiisuun balaa guddaaf nama saaxila.


Guyyaa tokko Ergamaan Rabbii ((SAW)) taa’anii sahaabota waliin haasa’aa turan. Namichi tokko isaan bira dhufee akkana isaaniin jedhe. “Yaa Ergamaa Rabbii! Dargaggeessi tokko qarqara du’aa irra jira. Namootni hundi shahaadaa akka jedhuuf isa gaafataa jiru. inni garuu shahaadaa jechuu dadhabeera.”

Ergamaan Rabbii ((SAW)) “Dargaggeessi kun yeroo jireenyaa isaatti salaata isaa ni salaataa?”jechuun gaafatan. Deebiin “Eeyyan salaata isaa ni salaataa” jedhu isaaniif kenname.

Ergamaan Rabbii ((SAW)) eegasii sahaabota isaanii wajjiin gara mana jireenyaa dargaggeessa sanaatti deeman. Dargaggeessi gara aakhiraatti deemuuf jira. Ergamaan Rabbii ((SAW)) dargaggeessichi akka shahaadaa jedhuuf irra deddeebi’anii gorsaniin. Tahus garuu dargaggeessichi akka shahaadaa jechuun afaan isaa irratti itti ulfaatee jiru dubbate.

Ergamaan Rabbii ((SAW)) dargaggeessi kun jireenya isaa guutuu haadha isaa dallansiisaa akka jiraate waan baraniif haadha isaa kan ilma isheetti dallantee jirtu sana waamsisan. Jaartiin umriin ishee deemee jirtu ni dhufte. “Yaa haadha kabajamtu, gurbaan kun ilmoo keessanii?”jedhanii gaafatan. Eeyyan jechuun isaaniif deebifte.

“Yaa Haadha Kabajamtuu, Osoo ilma keessan kana fuunee ibidda keessatti isa darbina ykn immoo dhiifama godhaafii jennee kamiin filattu?”jedhanii ishee gaafatan. Haati yommuu kana dhageessu ni boosse. Ilmi ishee hagam tokko iyyuu ishee dallansiisaa turuyyuu garaan ishee hin dandeenye. Aakhiraa yaadatte akka ibidda keessatti darbamu hin barbaanne. “Dhiifama godheefii jira yaa Ergamaa Rabbii” jechuun deebifte. “Yaa Allah, Atii fii Ergamaan kee naaf ragaa dha. Ani ilma koo jaalatamaa kanatti xinnoollee itti hin mufadhu.”Jette.

Eegasii Ergamaan Rabbii ((SAW)) gara dargaggeessa qarqara du’aa jirutti deebi’anii akka irra deebi’ee shahaadaa jedhuuf gaafatan. Dargaggeessis yommuu kana garuu “Ashihadu laa ilaaha illa Allah wa’ashihadu anna Muhammadan abduhuu wa rasuuluhuu”jechuun salphaa isaaf tahe. Dhiifama haati isaa isaaf gooteen Rabbiin shahaadaa jechuu arraba isaa irratti salphaa taasiseef. Subhaanallah!

Ergamaan Rabbii ((SAW)) gammadanii fuulli isaanii ifee “Yaa Rabbii Ol’aanaa taate! Galanni keeti kan ana sababa goote dargaggeessa kana ibidda jahannam irraa baraarte!”jedhan.

Rabbiin warra haqa haadhaafi Abbaa eegu nu haa godhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button