header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Hispaniolan Solenodon

Hispaniolan Solenodon uumamni jedhamu naannawa Ameerikaa jiddu galeessaa  Kaaribiyaan jedhamu keessatti argama. Hispaniolan maqaa eddoolaati. Uumamni kunis eddoola tana qofarratti argama jechuudha. Hispaniolan Solenodon harma hoosiftoota summii qaban keessatti ramadama. Uumamni xiqqaan kun uumama shrew jedhamu kan fakkaatu yoo ta’u, lakkoofsi isaa xiqqaachaa yeroo ammaa kana warra rakkoo hamaa keessatti ramadaman keessatti galmaayeera.

Hispaniolan Solenodon gogaan isaa hedduminaan rifeensa gurraacha ykn ammoo diimaa gara magaalaatti dhihaatuun uwwifamaadha. Eegeen, qoffeen, lukaa fi gurri garuu rifeensa hedduus hin qabu. Kotteewwan isaa kan fuulduraa isa kan duubaa hamma tokko ni caalu. Ta’us kotteewwan isaa afranuu lafa qotuudhaaf tajaajilu. Qaama isaatiin yoo wal bira qabamu buqqeen mataa isaa guddaadha. Akkasumas qoffeen isaa kan gubbaa akkaan dheeraadha. Qoffeen isaa kun akka kumbii Arbaa ykn ammoo funyaan jaldeessa Proboscis jedhamuu dheerata. Ilkaan xixiqqoo hedduu kan qabu uumamni kun ilkaan isaa kan jalaa  jidduu irraa uraa qaba. Summiinis ilkaan isaa kana keessaa baha. Wayta bineensa tokko ciniinu ilkaan san keessaan summiin gara uumama kaaniitti dabra.

Hispaniolan Solenodon uumama eddoola Hispaniola jedhamurra jiraatuudha. Addattis biyyoota Haiti fi Dominican Republic jedhaman keessatti argama. Jireenya isaatiif naannawa margaa fi muka gaggabaan uwwifame jaalata. Uumamni kun uumama halkan socho’u waan ta’eef yeroo guyyaatti dhokatuu isa barbaachisa. Kanaaf ammoo mukaa fi margi jalatti dhokatu jiraachuu qaba. Kottewwan isaa fayyadamuudhaan muka uree ykn ammoo lafa qotee mana tolfata.

Akkuma sila jenne Hispaniolan Solenodon uumama halkan socho’u waan taheef,  guyya guyyaa hirribaan dabarsa. Boolli uumama kanaa bal’aa fi hulluuqqoo (tunnel) garagaraa hedduu kan qabuudha. Qubsuma tokko keessa kormaa fi dhaltuu akkasumas ilmoolee isaaniitu gala. Boolla keessaa yoo bahan akkaataan lafarra ittiin deeman of eeggannoo guddaa kan qabuudha. Takkaa qajeelanii hin fiigan. Bifa zigzag qabuu fi uumama biraa dhamaasuu danda’uun deeman. Soorata barbaachuuf ammoo qoffee isaanii dheeraa san fayyadamu. Qoffee Kanaan lafa wawwaraanaa fuunfataa deemu. Waan barbaadan yoo argatan ammoo kotteewwanitti fayyadamuudhaan qotanii baasanii sooratu. Uumamni kun waliigalteedhaaf sagalee garagaraa fayyadama. Sagaleen isaa hedduu yoo ta’u, martuu addatti waan ibsu qaba. Dabalataan qubsuma isaarratti mallattoo godhatuudhaaf ammoo xannacha hafuuraa kan gogaa isaarratti argamutti fayyadama.

Hispaniolan Solenodon warra foon sooratu ykn irra jireessatti warra ilbiisota sooratu keessatti ramadama. Arthropods uumama inni haalaan jaalatu ta’us, raammoolee xixiqqoo kanneen biroo akkasumas hantuuta, ciilalluu fi reeppitaayiloota xixiqqoo ni soorata. Yeroo tokko tokkos firiiwwan mukaa, margaa fi baalas ni soorata.

Waa’een wal hormaata uumama kanaa hedduus wanti qoratame hin jiru. Uumamni kun uumama halkan halkan socho’u ta’uunsaa qorannoo ijibbaachisaa godheera. Haga danda’ameen qorattoonni waan qoratanii bira gahan qabu. Jalqaba kormaa fi dhaltuun takka yoo walitti dhufan lola cimaatu geggeeffama. Dhaltuun takkaan kormaa ofitti hin fudhattu. Eega walii galaniin booda garuu boolla tokko keessa waliin jiraatu. Sirna wal hormaataa dhaltuu dhaabbataa miti. Yeroon isiin rimaya qabachuu dandeettu garaagarummaa qaba. Sanyiin dhiiraa garuu wagga guutuu qophiidha. Sa’aa barbaachisaa ta’etti wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuu danda’a. dhaltuun garuu yeroo filatti.

Uumamni kun warra sirna wal hormaataa harkifataa qabu keessatti ramadama. Wagga keessatti dhaltuun yeroo lama qofa qunnamtii wal hormaata raawwatti. Rimayni guyyoota 84iif kan turu yoo ta’u, dhaltuun takka yeroo takkaan ilmoolee haga sadihii dhaluu dandeetti. Ilmooleen gaafa dhalatan ijaan arguu hin danda’an. Kanaaf jecha ji’a tokkoo oliif haati ilmoolee duyduymatti baadhattee olii gad deemti. Ilmooleen dhalatan ji’a lama keessatti mucha/harma guufamu. Hayyama Rabbiitiin uumamni kun haga wagga 11 jiraatuu danda’a.

 

One Comment

Comment

Back to top button